Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 285 ga’e

Finfinnee,Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 8 vaayrasii koroonaatin qabamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannichaa beeksise.

Sa’aa 24 darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa1011 hojjetamee, namoonni 8 vaayrasichaan qabamuun mirkanaa’era.

Namoonni haaraan 2 dandamataniir.

Koorniyaadhan 4 dhiirota, 4 dubartiidha.

Umriin isaanii waggaa 16 hanga waggaa 40 ta’uu biirichi beeksiseera.

3 Harargee Bahaarraa, 2 Burraayyuuraa,1 magaalaa Sabbataarraa, 1 Shawaa Kibba Lixaarraa, 1 Godina Arsiirraa ta’uu biirichi beeksiseera.

Waliigalaan lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 285 qaqqabeera.

Hanga ammaatti lubbuun namoota 8 darbeera.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 214.

Namoonni 63 dhibicharraa dandamataniiru.

Waliigala hanga ammaatti qorannaawwan laabraatoorii 19982 hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.