Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalata 82 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2013 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 82 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 433 hojjetameen vaayrasichi namoota 82 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 16,782 ga’eera.

Lubbuu nama 1 yoo darbu,waliigala Lubbuun namoota 156 darbeera.

Namoonni haaraan 120 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 10842 dandamataniiru.

Namoonni 31 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5784 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 219277 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.