Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalata 95 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 95 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 760 hojjetameen vaayrasichi namoota 95 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 15,709 ga’eera.

Waliigala Lubbuun namoota 139 darbeera.

Namoonni haaraan 67 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 9838 dandamataniiru.

Namoonni 21 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5734 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 212098 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.