Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalataa 78 vaayrasii Koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 3, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 78 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 946 hojjetameen vaayrasichi namoota 78 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 2010 gaheera.

waliigala Lubbuun namoota 25 darbeera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 53,874 gaggeeffameera.

Nammoonni haaraan 45 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 565 dandamataniiru.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 1420 ta’uu biirichi ifoomseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.