Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalataa 93 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 93 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 1324 hojjetameen vaayrasichi namoota 93 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 9086 ga’eera.

waliigala Lubbuun namoota 61 darbeera.

Namoonni haaraan 125 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 3868 dandamataniiru.

Namoonni 6 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5157 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 175076 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.