Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoota dabalataa 119 irratti vaayrasii koroonaa argame

Finfinnee, Hagayya 24, 2012 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 119 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 4067 hojjetameen vaayrasichi namoota 119 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 6,174 ga’eera.

sa’aa 24 darbeetti vaayrasichaan lubbuun nama 1 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 43 darbeera.

Nammoonni haaraan 96 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 1,920 dandamataniiru.

Namoonni 8 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4211 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 131219 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.