Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoota sababa hongeetiin miidhamaniif miiliyoona 5 oliif deeggarsi taasifamaa jira

Finfinnee, Amajjii 22, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti namoota sababa hongeetiin miidhamaan miiliyoona 5.2’f deeggarsi taasifamaa jiraachuu Buusaa Gonofaan Oromiyaa beeksise.

Hogganaan Busaa Gonofaa ORomiyaa Obbo Musxafaa Kaadir Faanaa Biroodkastingi Koorpooreetiif akka ibsanitti, hongeen Godina Booranaatti mudate hammataa ta’uu kan eeranii, deeggarsaa waliinga’iinsaa qabu taasisuuf Koomishinii Hoggansaa Sodaa Balaa Fedeeraalaa waliin qindoominaan hojjetama jira.

Hongee godina Booranaa, Arsii, Harargee Bahaa fi Lixaa fi Godinaa Baalee keessattti mudachuu fi balaa kana dandamachisuuf qindoominaan hojjetama jiraachuun eeraniiru.

Godina Booranaatti haala qabatamaa amma jiruun namoonni kuma 600 ol deeggarsa ariifachisaa argachaa jiraachuu ibsuun, lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii guyyaa guyyaan dabalaa jira jedhan.

Naannawaa hongeen miidhaman hundaa keessatti deeggarsi walfakkataan kan taasifamu ta’uu kan ibsan Obbo Musxafaan, hojiin qorannoo godinaalee Oromiyaa10 keessatti hojjetama jiraachuus ibsaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.