Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti vaayrasii koroonaatin lubbuun namoota 2 yoo darbu, 81 vaayrasichaan qabamaniiru

Finfinnee, Adoolessa 27, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti vaayrasii koroonaatin lubbuun namoota 2 yoo darbu, 81 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Oromiyaatti gabaasa qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 samuudaa namoota 1382 irratti hojjetameen namoonni 81 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
 
Oromiyaatti waliigalaan qorannaan laabraatoorii 45,073 hojjetamee namoonni vaayrasii kanaan qabaman 1506 qaqqabeera.
 
Qorannaa gabaasa sa’aa 24tin namoonni vaayrasichaan lubbuun isaanii darbe 2 yoo ta’an, waliigalaan naannichatti lubbuun namoota 23 vaayrasichaan darbuu biirichi ibseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.