Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Xaa’oo biyyoo qonnaan bultootaaf dhiyaachuu qabu keessaa hanga ammaatti % 28.2 qofti dhiyaachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti Xaa’oo biyyoo qonnaan bultootaaf dhiyaachuu qabu keessaa hanga ammaatti % 28.2 qofti dhiyaachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Naannichatti Xaa’oon Biyyoo kuntaalli miiliyoonni 9.9 kan barbaachisu ta’uu biirichi ibseera.

Hanga ammaatti xaa’oo naannicha qaqqabe kuntaala miiliyoona 4 keessaa kuntaalli miiliyoonni 2.8 qofti Qonnaan bultootaaf raabsamuu Itti aanaa Hogganaa fi Itti gaafatamaan Damee Qonnaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ibsaniiru.

Hanqinicha furuuf mootummaa federaalaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Sochiin seeraan alaa dhiyeessii xaa’oorratti rakkoo uumaa jiraachuu dubbataniiru.

Adaamaa, Duukamii fi Bishooftuutti Warshaaleen xaa’oo galteewwan Indaastiriif oolchaa turanirratti tarkaanfiin fudhatamu kaasaniiru.

Sisaay Duulaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.