Fana: At a Speed of Life!

Oromoon Ityoophiyaa diinagdeenis ta’ee birmadummaa ishee eegsisuu keessatti abbaadha – obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Gurraadhala 23, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan aarsaa Akaakilee fi Abaabilee keenyaan ijaaramte jedhan, Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Guyyaan injifannoo Adwaa waggaa 125ffaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti sirna hoo’aa kabajameera.
Sirnicharratti kana argaman Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Adwaan seenaa guddaa abbootiin keenya wareegama kaffalanii argataniidha.
Seenaa dogongoraa injifannoo Adwaan walqabatu sirreessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Seenaa kana sirreessuuf ga’een Artiisti Haacaaluu Hundeessaan ba’aa ture guddaa ta’uu eeraniiru.
Gootummaa abbootii keenyarraa barachuun biyya sabaa fi sablammoonni biyyaattii tokkummaan, jalaalaan, walkabajuu fi waldanda’uun keessa jiraatan ijaaruuf hojjenna jedhan.
Oromoon abbaa farda daalee,abbaa Farda Shaanqooti, Fardeen isaa Adwaatti seenaa hojjechaa turan guyyaa har’aa Magaalaa Finfinnee keessaa gulufuun gammachuu guddaadha.
Oromoon Ityoophiyaa diinagdeenis ta’ee birmadummaa ishee eegsisuu keessatti abbaadha.
Biyyi keenya biyya bara baraan rakkoo mudatu hunda injifattee biyya jiraatudha jedhan.
Dhaloonni har’aa osoo jiruu diina kamiinuu hin diigamtu jedhan Preezdaant Shimallis haasawa taasiisaniin.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.