Fana: At a Speed of Life!

Paarkii Indaastirii Boolee Lammii keessatti gamoowwan manneen jireenyaa doolaara miiliyoona 10 ijaarraman eebbifaman

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Paarkii Indaastirii Boolee Lammii keessatti gamoowwan manneen jireenyaa doolaara miiliyoona 10 ijaarraman eebbifamaniiru.

Gamoowwan kunneen hojjettoota kuma 2 fi 700 keessummeessu danda’u jedhameera.

Paarkii Indaastirii Boolee Lammii keessatti kan argamu dhaabbanni oomisha Kooriyaaa Kibbaa Shiintiis jedhamu proojekticha ijaarsiisuun eebbisiseera.

Sirna eebba proojektiiwwan kanneenirratti Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Invastimantii Misooma Paarkiwwan Ityoophiyaa obbo Saandookaan Dabbabaa, Komishinarri Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Namee, itti aanaan Korporeeshinii Invastimantii Misooma Paarkiwwanii obbo Shifarraaw Solomoon, Abbaan Qabeenya dhaabbata Shiintiis Chaa Miin, akkasumas hoggantoonni biroon argamuu ragaan Korporeeshinii misooma paarkiiwwan Indaastirirraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.