Fana: At a Speed of Life!

Paartiichi sagalee walga’ii Paartii Badhaadhinaa miliqee ba’e jechuun gadi dhiifame soba ta’uu ibse

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC) -Paartiin Badhaadhinaa sagalee walga’ii koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa miliqee ba’e jechuun gadi dhiifame soba ta’uu beeksiise.

Miidiyaaleen oduuwwan sobaa tatamsaasuun beekaman tibbana walga’ii koreen hojii raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaa gaggeesserraa sagaalee Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dubbatan jechuun gadi lakkifame ragaa soba ta’uu paartiin Badhaadhinaa hubachiise.

Sagalichi sagalee sobaan qindaa’ee fi ragaa dhugaarraa fagaate ta’uu eereera.

Hawaasni ragaalee sobaan tatamsa’urraa of eeguu akka qabu paartichi ibsuu isaa ragaan fuula feesbuukii Paartii Badhaadhinaarraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.