Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kaadhimamtoota paarticha bakka bu’uun magaalichatti dorgoman ifoomse

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kaadhimamtoota mana maree bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi mana maree bakka bu’oota ummataaf dorgoman har’a ifoomseera jira.

Kaadhimamtoota dhiyaatan keessaa kaadhimamtoonni 23 mana maree bakka bu’oota ummataaf yoo ta’an, kaadhimamtoonni 138 immoo mana maree Bulchiinsa magaalaa Finfinneef kan dorgoman ta’uu ibsamee jira.

Kaadhimamtoonni dhiyaatan kunneen naamusa, dandeettii fi ga’umsa olaanaa kan qaban akka ta’e ibsameera.

Itti aantuun Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaaneech Abeebee fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alamuu kaadhimamtoonni dhiyaantan keessaa isaan tokko ta’uu himameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.