Fana: At a Speed of Life!

Paartichi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuf kan hojjetu ta’uu ibse

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Fayyadamtummaa misoomaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuuf sirna diinagdee hammataa ijaaruuf kan hojjetu ta’uu Paartiin Badhaadhinaa beeksise.

Paartichi abbootii qabeenyaa biyyaalessaa fi damee dhuunfaa jabeessuuf akka hojjetus ibseera.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti miseensoota hawaasa daldalaa waliin dhimmoota diinagdee fi Paartii Badhaadhinaarratti mari’atameera.

Maricharratti sadarkaa itti aanaa kantiibaatti qindeessaan kilaastara hawaasummaa fi hogganaan Biiroo Misooma Indaastirii fi Daldalaa Finfinnee Injiinar Indaawwaq Abbixee, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi miseensonni hawaasa daldalaa argamaniiru.

Waltajjicharrattis jijjiiramni biyyaalessaa waggaa 1 fi baatii 8 maal akka ture, hojiiwwan jijjiirama booddee hojjetaman maal maal akka ta’anirratti yaadni ka’umsaa dhiyaatera.

Akkasumas Paartiin Badhaadhinaa diinagdee akkamii qabatee dhufa yaada jedhurratti yaadni ka’umsaa dhiyaate irratti mari’atameera jechuun Laykuun Alamtu gabaase.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.