Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee konfiraansii gaggeessaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee konfiraansii gaggeessaa jira.

Paartichi dhiyeenyatti kan gaggeeffamu qaama yaa’iicha kan ta’ee konfiraansii bu’uura paartichaa gaggeessuurratti argama.

Konfiraansiiwwan gaggeeffamaa jiran ilaalchisee Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alamuu ibsa laataniiru.

Obbo Mallas Alamuu ibsichaan bara 1860 konfiransiiwwan bu’uura paartiichaa gaggeeffaamaan qophii yaa’ichaan kan walqabatuu yoo ta’uu, hirmaattoonnis kan itti filatamaaniidha jedhaniiru.

Dabalataanis yaa’ii paartichaa yerootti aanuutti jiraatuuf kallattiiwwan bu’uuraarratti mariin duraa ni gaggeeffamaa.

Faayidaan konfiraansichaa paarticha keessaatti diimokirasii mirkaneessuuf ni gargaaraa jedhaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa yaa’iisaa 1ffaa Bitootessa 2 hanga 4 ni gaggeessa jedhameera.

Yaa’ichi mata duree ‘qormaatarra gara olka’insaatti’ jedhuun akka gaggeeffamuu ragaan Paartii Badhaadhinaarra argame ni muuldhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.