Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa paartii walqixummaa sabaa fi sablammootaa mirkanneessu malee paartii dhaadheessaa sirna abbaa irree miti -MM FDRI Dooktar Abiy

Finfinnee, Sadaasa 21, 2013 (FBC) –Paartiin Badhaadhinaa paartii walqixummaa sabaa fi sablammootaa mirkanneessu malee paartii dhaadheessaa sirna abbaa irree miti jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad deebii gaaffiilee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarra ka’eef wayita deebii laatan.
Paartiin Badhaadhinaa paartii sabdaneesummatti amanu paartii demookraatawaa ta’uu himaniiru.
Jijjiirramni paartiin kun fide garee Finxaaleyyii ABUTtiif mataa boyyoo ta’eera jedhan.
Riifoormii diinagdeerratti hojii jajjabeessan hojjetameera.
Proojektoota eegaluu qofa osoo hin taane ga’umsaan xumuruun danda’ameera.
Gama haqaan riifoormiin hojjetameen bu’aa gaariin argameera jedhan.
Labsiiwwan garaagaaraa fooyyeessuuf xiyyeeffannoo olaan hojjetamaa ture jedhan.
Boordii filannoo dhaabbata cimaa taasiisuuf hojii bal’aan hojjetameera.
Labsiiwwan mirga namoomaarratti sirreeffamni taasiifameera.
Labsiin farra shororkeessummaa fooyya’eera.
Qabiinsa manneen sirreessarratti hojiin riifoormii jajjabeessan hojjetameera.
Waliigala seeroonni ukkaamsaa turan hedduun isaanii fooyya’aniiru.
Dippiloomaasii ilaalchisee hojiin bu’aa qabeessa ta’an hedduun raawwatamaniiru.
Rakkoo Ityoophiyaa gama buufata galoogalaan muudachuu danda’u furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa tureera.
Yaalii gareen finxaaleyyii ABUT biyya diiguuf taasiise fashaleessuun danda’ameera.
Haleellaan gareen finxaaleyyii ABUT naannoo Tigraay raayyaa ittisa biyyaa Izzii Kaabaarratti eegale naannoo biroo fi biyyoota ollaatti akka hin ceene fashaleessuuf hojiin hojjetame bu’aa olaanaa argamsiiseera.
Qaamolee nageenyaa fi hawaasa kallattii hundaan shira garee finxaaleyyii fashaleessuu keessatti qooda olaanaa ba’an galateeffaniiru.
Biyyi tun akka itti fuftu yoo barbaaddame raayyaa ittisa biyyaaf kabaja laachuun barbaachisaadha jedhan.
Duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu raawwatamaa ture lammii nagaa fi qabeenyarra miidhaa osoo hin qaqqabsiisiin yeroo gabaabaa keessatti xumuruun danda’ameera jedhan Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy.
Shira garee finxaaleyyii fashaleessuuf qindoomina hojii duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu kallattii waraanaa hundaan gaggeeffame ilaalchisee ibsa bal’aa taasiisaniiru.
Gootummaa hoggantoota kutaa ajaje waraanaa ergama itti laatame lubbuu isaanii osoo hin qusatan ga’umsaan xumuran dinqisiifataniiru.
Ummanni Tigraay haleellaa gareen finxaaleyyii ABUT raayyaa ittisa biyyaa Izzii Kaabaarratti raawwate mormuun duula gaggeeffamaa tureef deeggarsi taasiise kan dinqisiifamu ture jedhan.
Ityoophiyaanoonni osoo jiranuu Ityoophiyaa qaamni kamiiyyuu moo’achuu hin danda’u jedhan ibsa laataniin.
Yakkamtoota seeratti dhiyeessuuf ogeeyyiin Poolisii federaalaa sakattoo barbaachisu ni raawwatu jedhan.
Namoota kanneen funaanuuf karoora qindaa’aa qopheessine itti deemna jedhan.
Hojiin keenya itti aanu Tigraay ijaarudha jedhan.
Namoota qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisaanii dhaabuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuuf qophiin xumurameera jedhaniiru.
Rakkoo ummanni yeroo naannichaa yeroo ammaa keessa jiru furuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Humna alaa Ityoophiyaa waliin karaa nagaan hojjechuu barbaadaniif kamiifiyyuu balballi keenya banaadha kan jedhan Dooktar Abiy, kanneen shiraa fi waraanaan Ityoophiyaa moo’achuuf socho’aa jiruun garuu seenaa Ityoophiyaa akka baratan isaan gorsina jedhan.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.