Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa tajjabdoota filannoo idil addunyaa waliin mari’ate

Finfinnee, Eebila 11, 2013 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa torbee muraasa booda gaggeeffamu ilaalchisee tajjabdoota filannoo idil addunyaa waliin mari’ate.
Sabqunnamtiin ummataa fi hariiroo alaa paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan dhaabbilee Rippaablikaanii idil addunyaa fi dhaabbilee diimookiraasii biyyaalessaa tajjabdoota filannoo idil addunyaa waloo waliin mari’ataniiru.
Dooktar Biqilaan marii Intarneetiin taasiisaniin Paartiin Badhaadhinaa karaa hammataa ta’een bifa haaraan of gurmeessuun Caaseeffama, Sagantaa fi hojmaata haaraan gara hojiitti galuu garee kanaaf ibsa taasiisaniiru.
Paartichi dubartoota, Dargaggootaa fi qaama miidhamtoota kan hammate ta’uu kaasaniiru.
Dirree siyaasaa babal’isuuf hojii riifoormii gaggeeffamaa jiru garichaaf ibsa taasiisaniiru.
Paartichi Boordii Filannoo Biyyaalessaa fi paartilee morkattootaa waliin walitti dhufeenyaa fi hariiroo gaariin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Filannoon kun haqa qabeessa, Diimookiraatawaa, nagaa fi bilisaa akka ta’uu qooda irraa eegamu ga’umsaan ba’aa akka jiru ibsuu isaanii ragaan Fuula Paartii Badhaadhinaarraa argame ni agarsiisa.
Gareen taajjabdootaas ibsa laatameefiin hojiilee qophii duraa ilaalchisee hubannoo ga’aa argachuu isaanii ibsaniiru.
Hubannoon argatan filannoo gaggeefamu sirnaan taajjabuuf kan isaan gargaaru ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.