Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa waltajjii paartiin Komiinisti Chaayinaa qopheesse irratti hirmaate

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2013 (FBC)- Paartiin Badhaadhinaa waltajjii paartiin Komiinisti Chaayinaa qopheesse irratti hirmaateera.
Waltajjicharratti hoggantoonni paartiilee siyaasaa addunyaa hirmaataniiru.
Paartii Badhaadhinaa bakka bu’uun kan hirmaataan Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee quunnamtii uummataa fi idil addunyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaadha.
Dooktar Biqilaan Chaayinaan hojiin bu’a qabeessaa fayyaa fi hiyyummaarratti galmeessitee biyyoota Afrikaa fi addunyaaf fakkeenyaa jedhaniiru.
Maricharratti Paartii Badhaadhinaa dabalatee biyyoota 80 keessaa kan walitti babba’aan paartiileen siyaasa 300 hirmaataniiru.
Marichi mata duree ‘addunyaa fooyya’aa hundaaf’ jedhuun kan gaggeeffamee yoo ta’u, hiyyumma hir’isuurratti xiyyeeffachuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.