Fana: At a Speed of Life!

Paartileen siyaasaa addunyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf, sochii qindoominaatif waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Bitootessa 24, 2012 (FBC) – Paartileen siyaasaa addunyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf, sochii qindoominaatif waamicha dhiyeessan.
 
Vaayrasiin koroonaa diinagdee, fayyaa fi nageenya addunyaarratti qormaata qabatamaa ta’eeras jedhan.
 
Weeraricha ittisuufis tumsi biyyootaa, aardii fi qaamolee dhimmi isaan ilaallatu qindoomina uumuu kan barbaadu jechuun waamichi dhiyaatera.
 
Tumsicha cimsuufis ibsi waamichaa abbaa qabxii 10 dhiyaatera.
 
Paartiin Badhaadhinaatis qindoominicha raggaasiseera.
 
Qindoominichaan Afrikaatti vaayrasichaan miidhaan hamaan akka hin qaqqabne ni hojjetama jedhameera.
 
Weerara vaayrasichaa ittisuun yoo hin danda’amne fayyaa, nageenya, hawaasummaa, hariiroo biyyootaa fi waltumsarratti miidhaa cimaa qaqqabsiisa jedhameera.
 
Kanaaf biyyoonnii fi lammiilen tarkaanfii fudhachuu akka qaban; tumsis kan barbaachisu ta’uun ibsameera.
 
Vaayrasichi lammiilee biyyoota muraasaa adda baasee kan hin miine ta’uu fi balaa dhala namaa hundarratti aggaammame ta’uu paartileen addunyaa beeksisaniiru.
 
Chaayinaan vaayrasicha to’achuuf odeeffannoo fi qajeelfama laatamutti dhimma baatetti.
 
Biyyoonni Garee 20 hojii qorannaa talaallii fi dawaa argachuuf taasisaa jiran ni dinqisiifanna jedhaniiru.
 
Biyyoonni guddinarra jiran meeshaalee fi teeknikaan deeggaramuu akka qabanis ibsaniiru.
 
Weerarichaan booda tumsi namoomaa cimee akka itti fufu abdii qaban ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.