Fana: At a Speed of Life!

Paartileen Siyaasaa boruu jalqabee duula nu filadhaa Miidiyaaleen ni eegalu jedhame

Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Paartileen Siyaasaa guyyaa boruu jalqabee duula nu filadhaa Filannoo marsaa 6ffaa Miidiyaaleen kan eegalan ta’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiise.
Ramaddiin yeroo qilleessaa bilisaa fi fuula gaazeexaa Paartilee Siyaasaa gaggeeffamuu ibsameera.
Carraan ramaddii yeroo qilleensaa fi fuula gaazeexaa kun waltajjii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa fi Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa waliin qopheessanirratti gaggeeffammeera.
Haaluma kanaan Paartileen Siyaasaa Bitooteessa 30, 2013 hanga Caamsaa 23, 2013tti duula nu filadhaa filannoo marsaa 6ffaa miidiyaaleen kan gaggeessan ta’uu himameera.
Paartileen Siyaasaa 46 miidiyaalee 52 fayyadamuun duula nu filadhaa ni gaggeessu jedhame.
haaluma kanaan buufata Raadiyoo 21, Teeleeviizhinii 23 fi Gaazeexaalee 8 duulicha akka gaggeessan rammaddiin gaggeeffamaa jira.
Raadiyoon sa’aatii 620, Teeleeviizhinii sa’aatii 425, Fuulli Gaazeexaa 625 paartilee Siyaasaa kanneeniif ramadamuu eerameera.
Sagantaa ramaddii kanarratti hoggantoonni paartilee Siyaasaa, miidiyaalee fi keessummoonni kabajaa argamaniir
Zabiib Taklaayitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.