Fana: At a Speed of Life!

Paartileen siyaasaa naannoo Gaambeellaa keessa socho’an 6 mana maree waloo hundeessan

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (FBC) – Paartileen siyaasaa naannoo Gaambeellaa keessa socho’an 6 dhimmoota naannoo fi biyyaalessaarratti walitti dhiheenyaan hojjechuuf mana maree waloo hundeessaniiru.
Paartileen morkattootaa kunneen waltajjii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa damee Gaambeellaa qopheesserrattu sanadoota dhiyaatanirratti mari’achuun mallatteessaniiru jedhame.
Paartiin Warraaqsa Bilisummaa Ummattoota Gaambeellaa, Paartiin Badhaadhinaa, Ezeemaa fi Paartiin Warraaqsa Diimookiraatawaa Bilisummaa Ummattoota Gaambeellaa kanneen mana maree waloo hundeessan keessatti kan argaman ta’uu ibsameera.
Waltajjii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa damee Gaambeellaa qopheesseen paartileen morkattootaa kunneen dambii hojmaata mana mare waloo, dambii sirna sanada waadaa raawwachuuf ba’e dabalatee sanadoota 4 irratti waliigaltee waliif mallatteessaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.