Fana: At a Speed of Life!

Piroojektii diinagdee diijitaalaa  naannawaa Afrikaa Bahaa gara hojiitti galchuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 28,2014(FBC)- Ityoophiyaa, Sudaan Kibbaafi Somaaliyaan piroojektii qindaa’aa  diinagdee diijitaalaa gara hojiitti galchuu dandeessisu gaggeessaniiru.

Marichi biyyoonni sadeen adeemsa itti aanutti galuuf sadarkaa irra jiran adda baasuuf, fedhiisaanii beekuufi piroojektichi wayita gara hojiitti galu biyyoota kanneen irraa maaltu barbaadama dhimmoota jedhan irratti xiyyeeffachuu eerameera.

Piroojektichi qaamaa Inisheetiivii Walitti Hidhamiinsa Gaanfa Afrikaa ta’uu ibsameera.

Piroojektichi naannawichatti qaawwaa bu’uuraalee misoomaa Biroondbaandii guutuuniifi sochii bilisaa tajaajila diijitaalaa guddisuun misooma naannawichaa deeggaruufi walitti hidhamiinsa gabaa diijitaalaa dhugoomsuurratti xiyyeeffachuu eeramera.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveshiniifi Teekinooloojii Aadde Huuriyaa Aliin, Piroojektichi gara hojiitti wayita galu biyyoottan gidduutti gabaa diijitaalaa uumuurra darbee Ityoophiyaatti waliin gahiinsa intarneetii dabaluu akka danda’u ibsuu ragaan Ministeera Innooveeshiniifi Teekinooloojiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.