Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin sirreeffamtu seeraa dirqiin gudeede adabbii cimaa waggaa 9’n adabame

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2014 (FBC) – Manni Murtii Olaanaa Godina Harargee Lixaa Poolisii sirreeffamtu seeraa dirqiin gudeede adabbii cimaa waggaa 9’n adabeera.
Manni murtichaa dhaddacha guyyaa kaleessaa ooleen himatamaan kun yakka himatameen yakkamaa ta’ee argamuu isaan murtee balleessummaa itti murteesseera.
Yakkamaan kun sababa qorannoo jedhuun sirreeffamtuu seeraa tana dirqiin gudeeduu isaa ragaa namaa fi yaalaan mirkanaa’eera.
Yakkichi Godina Harargee Lixaa Buufata Poolisii aanaa Shanan Uggootti kan raawwatame ta’uu eerameera.
Caamsaa 14, 2014 galgala keessaa naannoo sa’aatii 4:00 qorannoof barbaaddamta jechuun erga gara Galmaatti yaamee booda miidhamtuu dhuunfarratti yakka dirqiin gudeeduu raawwachuu mirkanaa’eera jedhame.
Ragaa namaa fi Hospitaala Ciroorraa argameen yakkicha raawwachuu isaa erga mirkanaa’ee Manni murtichaa adabbii Cimaa waggaa 9’n adabuu ibsameera.
Maddi:TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.