Fana: At a Speed of Life!

Poolisoonni Jarman suuraa Hiitlar maxxansanii fi baqattootatti baacan ari’aman

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Poolisoonni Jarman suuraa Hiitlar maxxansanii fi baqattootatti baacan ari’aman.

Poolisoonni Jarman 29 ta’an suuraa Adoolfi Hiitlar qooddatanii fi baqattootatti baacan yeroof hojiirraa dhorkaman.

Poolisoonni kunneen suuraa Hiitlar leellisuun qooddachuurrayyuu, baqattoota biyyattii keessa, jiran akka waan isaan ‘galma aara gubataa(gaaziin) guutame’ kan bara Sirna Naazii Jarmanii Hiitlar fayyadamaa ture, keessa jiraniitti fakkeessuun suuraasaanii bilbilasaaniirratti qooddatanii argamaniiru.

Akka Ministirri Dhimma Biyya keessaa Bulchiinsa Kaaba Rhine-Westpalia Herbert Reul jedhanitti miseensonni poolisii kunneen galma warra ‘far-right’ fayyadamuun gocha kana raawwachaa turan.

Galma kana keessa suuraa dur durii kan mallattoo warra Naazii ta’ee fi suuraawwan Adoolfi Hiitlartu guutanii jiru.

Gocha kana keessatti poolisoonni 200 caalan hirmaataniiru.

Poolisoonni kunneen suuraawwan 100 caalan kan waa’ee sirna naazii mul’isan garee WhatsApp irratti qooddataniiru.

Shakkamtoonni kunneen hedduunsaanii holola sirna naazii tatamsaasuu fi dubbii jibbiinsaa facaasuudhaan himataman.

Kaan ammoo wayita waahillan isaanii yakka kana raawwatan waan eeruu kennuurraa of qusataniif himataman.

Kun maqa balleessii hamaadha kan jedhan Aab Reul, qorannoo itti fufiinsaan gaggeessuun qabiyyeewwan erga jibbiinsaa qabiinsaa qaban hedduu baasuuf akka jiran himan.

Buufataaleen poolisii biyyattii hundi akka sakatta’amanis ajajaniiru.

Poolisoonnii fi qaamoleen tikaa Jarmanii caasaa isaanii keessaa miira mankaraaristummaa sirna durii leellisuu qulqulleessuu dhabuusaaniitiin yeroo hedduu himatamu.

Lammiilee baqattummaan gara biyyasaanii imalanii waggoota hedduuf jiraatan qoodanii doorsisaa akka jirantu himama.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.