Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Bilaadmiin Puutiin Xaayib Rajiib Ardoohaan waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 19, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Raashiyaa Bilaadmiin Puutiin gita isaanii Turkii Xaayib Rajiib Ardoohaan waliin dhimmoota murteessoo ta’anirratti mari’ataniiru.

Haala shororkeessummaa ittisuun danda’amuu fi dhimmoota siyaasaa naannichaarratti mari’ataniiru.

Haalli waqtaawaa Sooriyaa dhimma marii isaa keessaa tokko ta’uu ibsameera.

Ameerikaan loltoota ishee Afgaanistaanii baasuu hordofee ragaa nageenyaa naannichatti muudachuu danda’uuf furmaata kaa’uuf walii galteerra ga’uu ibsameera.

Guyyoota muraasaan dura mariin Preezdaantiiin Turkii Xaayib Rajiib Ardoohaan Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayideen waliin taasiisan bu’aan buusee hin jiru jedhame.

Maddi:- R T News!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.