Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon hojiilee Riifoormii Ministeera Albuudaa daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 14, 2014 (FBC) –Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon hojiilee Riifoormii Ministeera Albuudaa fi Gaalaarii Albuudaa daawwataniiru.

Daawwannaa kanarratti Preezdaant Saahilawarq Zawdee, Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin, preezdaantii FDRI duraanii Ambaasaaddar Dooktar Mulaatuu Tashoomaa, Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’ootaa duraanii obbo Abbaa Duulaa Gammadaa fi hoggantoonni mootummaa biroo argamuu Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Hojiilee Damee Albuudaa olka’iinsa Ityoophiyaa madaalurraa ga’uuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiileen Riifoormii kunis haala kanaan waldubbisuun danda’uun cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.