Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq Maartiin Giraaftiis waliin mari’atan

Finfinnee, Adooleessa 23, 2013 (FBC)- Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti itti aanaan barreessaa dhimmoota namoomaa fi qindeessaa deeggarsa yeroo aariifachiisaa Maartiin Giraaftiis waliin haala nageenyaa fi deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayirratti mari’ataniiru.

Maartiin Giraaftiis Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fedhii Ityoophiyaa hunda galeessaa bifaa guuteen hojjechuu akka barbaaduu fi biyyatti waliin hariiroo qabu cimsuun akka hojjetu himaniiru.

Preezdaantittiin hanqinaalee deeggarsa namoomaan wal qabsiisee jiru hambisuuf mootummaan hariiroo waajjira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qindeessaa dhimmoota namoomaa cimsuun  barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.