Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo cimaa Ityoophiyaa fi Jibuutii gama dhiigaan, aadaa, amantaa fi afaaniin jiru waliiti dhufeenya diinagdeetti jijjiiruuf hojjetamuu qaba – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Sadaasa 21, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Mana Maree Biyyaleessa Jibuutiitti argamuun haasawa taasiisaniiru.

Mana marichaatti keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman Preezdaant Saahilawarq biyyoonni lameen dhiigaan, aadaa, amantaa fi afaaniin hariiroo cimaa qabaachuu ibsaniiru.

Carraa guddaa kana gara walitti dhufeenya diinagdeetti jijjiiruuf hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Preezdaantiin mana marichaa Mahaammad Alii Hoomeed gama isaaniin biyyi isaanii nageenyaa fi badhaadhina mirkaneessuuf Ityoophiyaa cinaa ni dhaabbatti jedhan.

Walga’ii kanarratti miseensoota Mana Maree biyyattii, Jibuutiitti ambaasaaddara Ityoophiyaa obbo Birihaanuu Tsaggaayyee, bakka buutoonni hawaasa Dippiloomaatikii, dhaabbileen miti mootummaa fi aanga’oonni naannoo argamaniiru jedhame.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.