Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq, Piitar Maawuraa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 6, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen preezdaantii Koree Fannoo Diimaa Idil Addunyaa Piitar Maawuraa waliin mari’atan.

Preezdaant Saahilawarq Zawdeen eegduu olaantuu Waldaa Fannoo Diimaa Ityoophiyaati.

Preezdaant Saahilawarq deeggarsa namoomaa korichi Ityoophiyaa keessatti taasisaa jiruuf galateeffataniiru.

Preezdaantiin korichaa dhaabbanni isaanii deeggarsa namoomaa taasisu kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa walitti bu’iinsaa fi rakkoo nageenyaatiin miidhaman akka of danda’an ni deeggarras jedhaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.