Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq sirna waadaa galuu Preezdaantii Koongoorratti argaman

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen sirna waadaa galuu Preezdaantii Koongoo haaraa filtaman Deeniis Saasuu Niguu’oosoorratti argamaniiru.

Preezdaant Saahilawarq hoggantoota sirnicharratti hirmaachuuf biyyoota garaagaraarraa dhunfan waliin dhimoota waloorraati mari’ataniiru.

Dhimmoota Hidha Haaromsaa, waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan, haala waqtaawaa naannoo Tigraayii fi filannoo biyyaaleessa marsaa 6ffaa gaggeeffamu ilaalchisee hoggantoota kanneen waliin yaada waljijjiiraniiru.

Preezdaant Saahilawarq hoggantoota sirnicharratti hirmaachuuf biyyoota garaagaraarraa dhunfaniif ergaa dabarsaniin haala kanaan walitti dhufuun hariiroo waloo Ardii Afrikaa cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.

Ayyaana waadaa galuu preezdaant Deeniis Saasuu Niguu’oosoorratti hoggantoonni biyyoota 20 olii argamuu ibsameera.

Preezdaant Deeniis Saasuu Niguu’oosoon filannoo preezdaantummaa biyyaattiitti baatii tokkoon dura gaggeeffameen moo’achuun isaanii kan yaadatamuudha.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.