Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq tarree dubartoota ciccimoo addunyaa keessatti hammataman

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen tarree dubartoota ciccimoo addunyaa bara kanaa keessatti hammataman.
Tarree dubartoota dhiibbaa taasisan bara kanaa 100 barruun Foorbiis baasee keessaa preezdaant Saahilawarq sadarkaa 96ffaa irratti argamu.
Preezdaantii dubartii Ityoophiyaa jalqabaa kan ta’an Saahilawarq dubartii Afrikaa tarree kana keessatti hammataman ta’aniiru.
Tarree kanaan jalqabarra kan ka’aman duree Jarman Angeelaa Markal ta’uu ibsameera.
Itti aantuu Preezdaantii Ameerikaa ta’uun kan filataman Kaamaalaa Haariis sadarkaa sadaffaa irratti eeramaniiru.
Ministirri Muummee Niiw Ziilaand Jasiindaa Ardan ammoo sadarkaa 32ffaa irratti filatamaniiru.
Dubartoonni biyyoota 30 keessaa walitti babba’an tarree kana keessatti hammatamaniiru.
Isaan keessaa 10 dureewwan biyyootaa yoo ta’an, 38 ammoo gaggeessitoota hojii, shan dubartoota damee bashannanaa irratti hirmaataniidha.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.