Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq Zawdee preezdaantii Waldaa Koreewwan Olompikii Afrikaa Musxafaa Beeraaf waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 26, 2013 (FBC)- Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee preezdaantii Waldaa Koreewwan Olompikii Afrikaa Musxafaa Beeraaf waliin mari’ataniiru.
Musxafaa Beeraaf yaa’ii waliigalaa Waldaa koreewwan Olompikii biyyaaleessa Afrikaa Dilbata dhufu Finfinneetti gaggeeffamurratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Preezdaantin waaldicha Ityoophiyaatti argamuun seenaa biyyaattin dippiloomaatikii cimaa qabdu kabajuu danda’uu isaaniitif gammachuu itti dhaga’amee ibsaniiru.
haaluma wal fakkatuun preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee walitti qabaa boordii garee Maaltiichoowz Impiyaaz Pooteeliin waliin mari’ataniiru.

Preezdaant Saahilawarq dhaabbileen damee kana irratti hirmaatan duudhaalee waliinii beeksisuu ga’een olaanaa inni qabuurratti ibsa taasisaniiru.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.