Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq Zawdeen boqochuu Preezdaantii Emmireetoota Araba Gamtoomaniif gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) –Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen du’aan boqochuu Preezdaantii Emmireetoota Araba Gamtoomanii duraanii Sheek Kalifaa Biin Zaayid Al Nahiyaan gadda itti dhaga’ame Imbaasii Emmireetoota Araba Gamtoomanii Finfinneetti argamuun ibsaniiru.

Preezdaantittiin galmee gaddaa imbaasichatti qophaa’erratti ‘’boqochuu Preezdaantii Emmireetoota Araba Gamtoomanii duraanii Sheek Kalifaa Biin Zaayid Al Nahyaan maqaa koo fi uummattoota Ityoophiyaatiin gaddaa natti dhagaa’ame ibsuun fedha’ jechuun ergaa dabarsaniiru.

Uumattoota Emmireetoota Araba Gamtoomanii fi mootummaa biyyattii, preezdaantii haaraa biyyattiif akkasumas maatii mootiif jajjabiina hawwaniiru.

Preezdaantii Saahilawarq ergaa gaddaa dabarsaniin Ityoophiyaan hariiroo Emmireetoota Araba Gamtoomanii waliin qabdu cimsitee akka itti fuftuu himuusaanii EBC gabaaseera.

Preezdaant Sheek Kalifaa Bin Zaayid Al Nahyaan waggaa 73ffaa isaaniirratti Caamsaa 5, 2014 boqochuun isaanii ni yaadatama.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.