Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarqi daayreektara olaanaa sagantaa nyaata addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen daayreektara olaanaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Deeviid Biisliiy waliin mari’atan.
 
Daayreektarichi haala sosochi dhaabbatichaa Preezdaant Saahilawarqiif ibsaniiru.
 
Preezdaant Saahilawarqi gama isaaniin deeggarsi dhaabbatichi Ityoophiyaa fi Afrikaaf taasisaa jiru jajjabeessaa ta’uu himaniiru.
 
Dhaabbatichi meeshaalee weerara vaayrasii koroonaa Afrikaaf rabsuuf Ityoophiyaa ka’umsaa fi giddugala taasisuun filachuu isaa ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame ni muul’isa.
 
Daayreektarichi guyyaa har’aa Ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu waliin mari’chuun isaa kan yaadatmuudha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.