Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Shimallis Abdiisaa ayyaana guyyaa dhalootaa Nabiyyuu Mahaammad ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2014(FBC) –Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ayyaana guyyaa dhalootaa Nabiyyuu Mahaammad ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Guutuun ergicha akka argamaan gadiitti dhiyaateera

Dhaloonni Nabiyyuu Muhammad waan daandiirraa maqe sirreessuufi waan sirrii jajjabeessuu waliin yaadatama. Anis ayyaana guddaa hordoftoota amantaa Isilaamaa biratti bifa adda ta’een yaadatamu kana sababeeffadhee ergaa baga geessanii wayitan dabarsu gammachuu guddaatu natti dhagahama. Ayyaana waggaa 1,496ffaaf kabajamu kana baga geessan, baga waliin geenye.

Hordoftoota amantaa Isilaamaa biratti sirna ho’aadhaan kan yaadatamuufi ayyaanota ummataa akka biyya keenyaatti kabajaman keessaa tokko kan ta’e ayyaanni moolidaa ykn ayyaanni dhaloota Nabiyyuu Muhaammad, mallattoo gamtaafi walitti dhufeenya ummattoota biyya keenyaati.

Labata dhaloota Ishmaa’el ilma Abrahaam irraa akka dhufe Nabiyyuu Muhammad, Makkaa Madiinaatti dhalatee abbaa amantaa Isilaamaafi Barsiisaa Quraana Qulqulluu akka ta’etu amanama. Guyyaan dhaloota Nabiyyuu Muhammad kun hordoftoota amantaa Isilaamaa idil-addunyaa hedduu biratti akka guyyaa qulqulluufi kabajaatti ilaalama. Kanaafis, sirna yaadannoo gurguddaafi wal harkaa fuudhiinsa dhalootaa agarsiisaniin kabajama.

Nabiyyichi dhalatee umriinsaa waggaa 40 yammuu ga’u ergamaa Rabbiirraa Quraana akka fudhateefi barsiisuu eegaletu himama. Sababa kanaan, hordoftoonni amantaa Isilaamaa hedduun guyyaa kana yammuu yaadatan, Quraana keessaa luqqisii dubbisuun dhaloota barsiisuufi daandii sirrii qabsiisuurratti fuulleffatanii kabaju. Keessattuu, hamaa akka hin yaanne, waan namaa akka hin hawwine, haqa akka hin dabsine, waaliif akka yaadaniifi gaddan, kan daare akka uwwisan, kan beela’e akka nyaachisan barsiisu.

Duudhaa waliif birmannaafi waliif yaaduu kun guyyaa ayyaana moolidaa qofa osoo hin taane, itti fufiinsa dhalootaa keessatti barsiifata gaarii ittiin hogganamaniifi abboommii amantichaa ittiin gaafataman ta’uutu amanama. Duudhaan kun hordoftoota amantichaa bira darbee, qajeeltoo hawaasni bal’aan keessatti of ilaaluufi jiruufi jireenya guyyaa guyyaasaa ittiin madaalu ta’uurra ga’eera. Kana bira darbees, aadaa ummanni ittiin waliif birmatuufi wal bira dhaabbatu ta’uus danda’eera.

Kanaafuu, ayyaana bara kanaa yeroo kabajnu duudhaafi sona guddaa qabnu kana yaadachaa, rakkoowwan uumamaafi nam-tolchee nu mudachaa jiran keessaa ba’uuf akka tumsinu carraa kanaan dhaamuun fedha. Hawaasa naannoofi biyya keenyaa yeroo rakkoo keessatti obboleewwaniifi ollaawwan keessaniif birmattaniifi wal bira dhaabbattaniif kabajaafi galata guddaa qabnu maqaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatiin ibsuun barbaada.

Carraa kanatti fayyadamee, duudhaa guddaa ijaarsa ummataa, biyyaafi sirnaa keessatti qooda ol’aanaa gumaachuu danda’u kana caalmaatti akka dagaagsinuufi itti fayyadamnu dhaamuun barbaada.
Xumurarrattis, ayyaanichi kan nagaa, gammachuufi badhaadhinaa isiniif yaa ta’u jechaa, kan kaleessaarra har’a duudhaan wal hubachuu, waliif yaaduufi waliin hojjechuu yeroo itti barbaachisurra akka geenye yaadachiisuun fedha.

Ayyaana Gaarii
Shimallis Abdiisaa
Pirezidaantii BMN Oromiyaa
Onkoloolessa 2014
Finfinnee

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.