Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Shimallis Abdiisaan Jaal Goollichaa Dheengee biiroosaaniitti simachuun wajjiin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)-Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ajajaa waraanaa ABO Shanee Zoonii Kibbaa kan turan Jaal Goollicha Dheengee biiroo isaanitti simachuun waliin mari’atanii jiru.

Waamicha mootummaan naannoo Oromiyaa humnoota hidhatanii daggala jiran karaa nagaattii akka deebi’aniif taasise fudhachuun qabsoo nagaatti deebi’uuf murteeffachuun murtoo sirrii fi bilchina qabudha kan jedhan Obbo Shimallis, warreen hafanis qabsoo nagaatti akka deebi’ani waamicha dabarsanii jiru.

Gaaffilee siyaasaa fi diinagdee ummamni Oromoo yeroo dheeraadhaaf wareegama itti kaffalaa ture adeemsa jijjiiramaati asitti hedduun isaanii kan deebii argatan yoo ta’u, kan hafan ammoo akka ummata Oromootti tokkummaa fi tumsaan dhaabbachuun qabsoo karaa nagaatiin furachuun akka danda’amuu fi ajandaan siyaasaa Oromoo wal waraansatti galchu akka hin jirre Obbo Shimallis ibsanii jiru.

Ajajaa Waraana ABO Shanee zoonii kibbaa kan turan Jaal Goollicha Dhangee gama isaaniitiin biyyaaf qabsa’uuf wanti humna shororkeessaa ABUT wajjiin nu hiriirsu gonkumaa hin jiru, Mana warra gumaa seenuun maqaa qabsoo Oromoo xureessuu irraa fedhii kiyyaan karaa nagayaatiin faayidaa fi fedhii ummataaf qabsaahuuf biyya abbaa kootti galeera jedhanii jiru.

Kana  booda Oromoo gidduutti lolli jiraachuu hinqabu kan jedhan Jaa Goollichi ilmaan Oromoo qawwee baatanii karaa sirrii hintaaneen ulee dinoota ummata Oromoo ta’aa jiran fakkeenyummaa isaanii hordofanii karaa nagaatti akka deebi’an dhaamuusaanii ragaan waajjira preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.