Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee preezdaantii Fiinlaand Saawulii Niniistoo waliin bilbilaan marii’atan

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC)- Preezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdee preezdaantii Fiinlaand Saawulii Niniistoo waliin bilbilaan marii’ataniiru.
Turtii isaaniin haala waqtaawaa Ityoophiyaa fi Gaanfa Afriikaa akkasumaas hariiroo biyyoota lameenii irratti marii’taniiru.
Preezdaanti Saahilawarqi Zawdeeduulaa olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigiraayitti gaggeeffame akkasumaas sababa duulichaan lammiilee buqqa’aniif deeggarsa taasifamaa jiru ibsaniiru.
dabalataaniis Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee preezdaantii Fiinlaand Saawulii Niniistoo dhimmoota idil addunyaarratti kan marii’atan yoo ta’u, weerara vaaysrasii koroonaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaarratti marii’achuun ibsameera.
Preezdaantoonni lamaan Hariiroo biyyoota lameenii baroota dheeraaf ture dhimmoota caalumatti cimsuu danda’urrattis marii’ataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.