Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Shimallis boqachuu Dooktara kabajaa Looreet Artiist Lammaa Guyyaaf gadda itti dhaga’ame ibsan

Finfinnee, Onkololeessaa 16, 2013 (FBC) -Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan boqachuu Dooktara kabajaa Looreet Artiist Lammaa Guyyaaf gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Waggoota dheeraadhaaf oogummaa aartii fakkii adda ta’een uummata isaanii tajaajilaa kan turan Artiist Lammaa Guyyaa du’aan adduunyaa kanarraa boqachuu isaaniitiin gadda cimaan itti dhagahameera jedha.

Artiist Lammaa Guyyaa aadaa duudhaa fi eenyuummaan uummata Oromoo, ummattoota Ityoophiyaa addunyaa biratti akka beekamu, darbees hojiiwwan artii eenyummaa Afrikaa olkaasanii mul’isan kumaatamaan gumaachuudhaan ummata keenyaaf akkasumas nama Afrikaadhaaf oolmaa guddaa olaanidha jedhan.

Fakkeenyummaa isaan hojii aartii fakkii keessatti qabanis bara baraan kan yaadatamudha jedhan preezdaant Shimallis.

Boqachuu Artiistii qaalii kanaan maatii, firoottan, dinqisiifattoota, uummata Oromoo fi uummattoota biyya keenyaa hundaaf jajjabinnan hawwa jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.