Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Tiraamp ergaa isaan Hidha Haaromsaarratti dabarsan fudhatama hin qabu – Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Hidha Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaa ilaalchisuun ergaa isaan dabarsan fudhatama hin qabu jechuun Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis ibsaniiru.

Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis Ayyaana Moolidaa 1495ffaa Kamisa kabajamu ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniin Preezdaanti Tiraamp ergaa isaan Hidha Haaromsaarratti dabarsan fudhatama hin qabu jedhaniiru.

Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis ayyaanichaan amantoonni salaataaf wayita gara Masjiidaa adeemaa fageenya isaanii eegachuun vaayrasii koroonaarra akka ofeegaan dhaamaaniiru.

Itti dabaluunis lammiileen Ityoophiyaa waliif gadduu, waliin nyaachuu fi wal gargaaruu malee lubbuu walii baasuun aadaa keenyaa akka hin taane kaasaniiru.

Preezdaantii Mana Maree Ulamoota Ityoophiyaa Muftii Hajii Umar Edriis gochi akkanaa dhaabachuu akka qabu fi lammiileen Ityoophiyaa nageenyaa isaanii tokkuumaan dhaabachuu akka qaban ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.