Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantii Faransaay duraanii Saarkooziitti hidhaan murtaa’e

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC)- Preezdaantii Faransaay duraanii Niikolaa Saarkooziitti adabbiin hidhaa murtaa’eera.

Preezdaantichi duula filannoo bara 2012 gaggeeffameen kara seeraan alaa deeggarsa maallaqaa taasisuu isaanii erga baramee booda adabbiin hidhaa waggaa tokkoo irratti murtaa’uu ibsameera.

Dhimmi isaanii Paarisitti ilaalamaa kan jiru yoo ta’u, hanga seeraan eeyyamameefi ol maallaqa dabalataa Yuuroo miiliyoona 10 baasiirra oolchuu isaaniitiin murtoon kun irratti darbeera.

Preezdaanticha waliin namoonni himanni irratti baname 13 yakkamtoota jedhamaniiru.

Saarkooziin daddachatti dhiyaatanii yakkamaa erga jedhamanii booda abbaan murtii mooraa sibiilaa mana isaanii keessatti yeroo hidhaa isaanii dabarsuu kan danda’an ta’uu ibseera.

Haa ta’u malee preezdaantichi yakkamaa miti jechuun ol iyyannoo gaafataniiru.

Maddi:- BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.