Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantii sodaa vaayrasii koroonaaf nagaa harkaan gaafachuurra lukaan gaafachuu filataan

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Taanzaaniyaa Joon Maaguulii fi hogganaan paartii morkattootaa Maaliim Seeyif Shariif lukaan nagaa wal gafachuun isaanii dubbii ijoo ta’eera.

Suuraa isaan miilaan nagaa wal gaafatan kana qaamoolee hedduun wal harkaa fuudhaa jiru.

Ministeerri fayyaa biyyatti tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf lammiileen biyyattii tutuqaarraa akka of eegaan ibsee ture.

Haalli naga gaafannaa preezdaantichaas ibsa minsteerichi baase walqabachuu hin oolu jedhameera.

Taanzaaniyaa dabalatee mootummoonni addunyaa vaayrasichaa ittisuuf wal hammachuu, waldhungachuu fi harka wal fuudhuun hin barbaachisuu jechuun waamichaa dhiyeessaniiru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.