Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantii sodaachifamuun guyyaa tokko qofa aangorra turan

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Preezdaantii sodaachifamuun guyyaa tokko qofa aangorra turan.

Giinii Biisaawitti filannoo falmisiisaan gaggeeffamuun walqabatee preezdaantonni lama biyyattii akka gaggeessan yoo murtaa’ullee preezdaantii tokkoffaan Siipriyaanoo Kasaamaa turtii guyyaa tokko booddee aangoo gadi lakkisaniiru.

Preezdaantichi guyyaa tokko qofa aangorra akka turuuf sababni isaan dirqisiise ergaan sodaachisoo si ajjeefna jedhu waan isaan qaqqabeef yoo ta’u, “jireenyakoof na yaaddessa” jedhaniiru.

Preezdaant Siipriyaanoo Kasaamaa kan filataman qaama seera baaftuun  yoo ta’u, kunis kan ta’e filannoo baatii Muddee biyyattiitti  gaggeeffameen walqabateeti.

Preezdantiin biroon ammoo Umaroo Siisookoo Embaaloo waadaa preezdantummaa rawwataniiru.

Boordiin filannoo biyyattii morkataa Umaaroo Siisookoo Embaaloo kan ta’an Doomingoos Siimoos Pereeraa sagalee %54-46 injifateera jechuun labseet ture.

Preezdaantiin duraanii Joosee Maaryoo Vaaz preezdaantii haaraa  Umaaroo Ambaaloof torbee dabre sirna turerratti aangoo isaanii dabarsaniiru.

Siimoos Pereeraa wal harkaa fudhiinsa aangoo hin fudhadhu jedhaniiru. Sababiin isaa paartiin injifate seera hin qabu jechuun filannoon hatameera jedhan.

Kanaan walqabatee manni murtii waliigalaa biyyatti hanga murteessutti dubbi himaa paarlaamaa biyyattii Siipriyaanoo Kasaamaa eeggataa preezdaantii akka ta’aniif muudee ture.

Preezdaant Siipriyaanoo Kasaamaa aango gadi lakkisuun walqabatee waajjirri ministirootaa cufameera.

Meeshaa waraanaa ciccimoon marfameera.

Biyyichatti jeequmsi cimaan uumamuus danda’a jedhameera.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.