Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing gita isaanii Ameerikaa Joo Baayidan waliin mari’atan

Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing baatii 7 booda gita isaanii Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin bilbilaan marai’ataniiru.
Qaamoleen lamaan dhimmoota hariiroo hunda galeessa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsanirratti mari’ataniiru.
Dorgommii daldalaa fi damee biroon biyyoota lamaan gidduutti muul’atu gara walitti bu’iinsaatti akka hin jijjiirramne haalawwan jiranirratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru jedhame.
Biyyoonni diinagdeen badhaadhan lameen baatiwwan torban darban keessa Daldalaa fi dhufiinsa weerara vaayrasii koroonaan walqabatee atakaroo olaanaa keessa galanii turan.
Mariin hoggantoonni lamaan taasiisan wal mormii daldalaa, qabiisna mirga namoomaa fi dhufiinsa koroonaan walqabatee ture furuu danda’a jedhamee eeggama.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.