Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakoob Zuumaa poolisiitti harka kennan

Finfinnee, Adooleessa 1, 2013 (FBC) – Preezdantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakoob Zuumaan naamuusa dhaddachaa cabsuun hidhaa irratti murtaa’e fudhachuun poolisiitti harka laataniiru.
Gara mana hidhaa naannoo mana isaanii jiru, bulchiinsa KwaZulu-Natal’tti argamutti imaluu dhaabbanni isaanii himeera.
Poolisiinis otoo namni ganna 79 kun ofii isaanii hin dhufne ta’ee to’annoo jala isaan oolchuudhaaf qophaa’ee ture.
Zuumaan torbee darbe dhaddacha himannaa malaammaltummaa erga hafaniin booda hidhaan baatii 15 irratti murtaa’e.
Murtoon kuni Afrikaa Kibbaa keessatti dubbii dhimma seeraa muul’atee hin beekne ta’eera.
‘’Preezdant Zuumaan ajaja hidhaa irratti ba’e ni raawwatu,’’ jechuun ibsa gabaabaa kan baase dhaabbata isaaniiti.
Intallii isaanii Duuduu Zuumaa Saambudlaa fuula Tiwiitarii ishee irratti ‘’gara mana hidhaa deemaa jiraatus ammallee jabaadhuma,’’ jechuun barreessite.
Afrikaan Kibbaa kana dura preezdaantii tokkollee mana hidhaatti ergitee hin beektu.
Preezdantii kanarratti hidhaan baatii 15 kan irratti murtaa’e yeroo biyyattii waggaa sagaliif bulchan himannaa malaammaltummaa irratti dhiyaateef ragaa dhiyeessuu dadhabuu isaaniin.
Yeroo preezdaantii turan abbootii qabeenyaa namoota siyaasaa waliin shira xaxuun sirna murtoo kennuu mootummaa irratti dhiibbaa taasisaa turan jedhame.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.