Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Gaambiyaa tursiisa addaa seenan

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Gaambiyaa Adaam Baaroow tursiisa addaa seenaniiru.

Preezdaantichi kana kan godhaniifis itti aantun isaanii vaayrasii koroonaan qabamuusheerratti hundaa’aniitu.

Torbee lamafis hariiroo namoota waliin qaban adda kutuun, hojii mootummarratti hin hirmaatan jedhameera.

Akka ragaan waajjira preezdaantii biyyittirra ba’e muul’isuutti, itti aantun preezdaantiin Gaambiyaa Isaatoo Tooraay vaayrasiin koroonaan qabamuun ishee mirkana’eera jedha.

Fayyaan Isaatoo Tooraay  haalaa gaariirra akka jiruu fi tursiisa addaa keessa jiraachuus dubbatameera.

Gaambiyaatti hanga ammaatti namoonni 326 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 8 darbeera.

Mootummaan biyyattis lammiileen haguugdu afaanii fi funyaanii kaawwachuun fageenya qaamaa isaanii eegachuun tamsa’ina vaayrasichaa akka ittisaniif waamicha dhiyeesseera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.