Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Koomiishinii Gamtaa Awrooppaa  Finfinnee galaniiru

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Koomiishinii Gamtaa Awrooppaa Ursuulaa Voon Dar Leeyn  Finfinnee  galaniiru.

Ursuulaa Voon Dar Leeyn walga’ii waloo Gamtaa Afrikaa fi Gamtaa Awrooppaarratti ni  hirmaatu.

Preezdaant Ursuulaa Voon Dar Leeyn jila aanga’oota olaanoo dhimma alaa fi hoggantoota nageenyaa gamtichaa 20 waliin walga’ii kanarratti hirmaachuuf kan dhufan.

Walga’ichi dhimmoota misoomaa, hojii dhabdummaa, misooma magariisummaa fi cee’umsa diijiitaalaa, nageenya, bulchiinsaa fi baqattootarratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamu.

Ursuulaa Voon Dar Leeyn Awrooppaa fi Afrikaan michuu uummamaa, hariiroo seena qabeessaa fi rakkoolee sadarkaa idil addunyaatti qunnaman walqixa kanneen dura dhaabbataniidha jedhan.

Preezdaantiin koomiishinii gamtichaa kun baatii Sadaasaa darbe guyyoota lamaaf Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuun isaanii ni yaadatama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.