Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Niijer badhaasa Doolaara miiliyoona 5 moo’atan

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2013 (FBC) – Baatii dhufu aangoo gadi kan dhiisaan Preezdaantiin Niijer Mahaammaduu Yesuuf badhaasa hoggantootaa guddaa addunyaa bara 2020 moo’atan.
Preezdaant Mahaammaduu Yesuuf marsaa lamaa booda baatii dhufu keessa aangoo gadi dhiisu wayita deemanitti badhaasa Doolaara miiliyoona 5 moo’ataniiru.
Bulchiinsa gaarii Afrikaa fooyyesuuf bara 2006 kan hundaa’e Faawundeeshiniin Moo Ibraahiimiin Preezdaant Mahaammaduu Yesuuf dabalatee hoggantoota Afrikaa karaa nagaan aangoo gadi dhiisan 5f badhaasa kana laatera.
Badhaasni kun Niijeritti qofa osoo hin taane Afrikaatti Diimookraasii fi bulchiinsa gaarii babal’isuuf kan jajjabeessu ta’uu Preezdaant Mahaammaduu Yesuuf dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.