Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Soomaaliyaa seera bara hojiisaanii dheeressuuf ba’e mallatteessan

Finfinnee, Eebila 6, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Soomaaliyaa Mohaammad Abdullaahi Farmaajoon seera ergama preezdantummaasaanii waggaa lamaaf dheeressuuf ba’e mallatteessaniiru.
Paarlaamaan biyyattii wixinee seeraa bara hojiisaanii dheeressuu raggaasisu hordofuun Preezdaant Farmaajoon seericha mallatteessaniiru jedhame.
Soomaliyaatti waldhabdeen turtii preezdanticha ilaalchisee uumame yeroon filannoo biyyattii akka harkifatuuf ka’umsa ta’ee ture.
Barri hojii Mohaammad Abdullaahi Farmaajoo bara Farnjootaa Guraandhala 8, 2021 xummurame.
Yeroon hojii paarlaamaa biyyattis baatii Muddee darbee keessa xummurameera.
Filannoon paarlamaa fi preezdantii sababa waldhibdee siyaasaatiin hafeera.
Hoggantoonni paartii mormituu fi naannooleen Jubbalaand fi Puuntilaand, akkasumas seeneetiin biyyattii murtoo paarlaamaan dabarse kana fudhachuu didaniiru.
Gamtaan Awurooppaa fi Ameerikaan murtoo paarlaamaan Soomaaliyaa dabarse xichanii mormaniiru.
Gamtaan Awurooppaa ibsa kaleessa baaseen tarkaanfichi qoqqodiinsa uumuun nageenya fi tasgabbii biyyattirratti yaaddoo uumuu akka danda’u eereera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.