Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Tuuniiziyaa biyyattiitti dubartii jalqabaa Muummee Ministiraa muudan

Finfinnee, Fulbaana 19,2014 (FBC)- Erga aangoo qabatanii naannoo baatii lamaa kan ta’an Preezdaantiin Tuuniiziyaa Kaayis Saa’iid biyyattiitti dubartii jalqabaa Naajilaa N Roomdaan Muummee Ministiraa taasiisuun muudaniiru.
Proofeesarri Ji’oo Fiiziksii Naajilaan Ministeera Barnootaa biyyattiitti ogeettii olaantuu ta’uun wayita taajilaa turan Proojektoota Baankii Addunyaa sirnaan hojiirra oolchaa kan turan yoo ta’uu Tuuniiziyaatti dubartii jalqaa Muummee Ministiraa ta’uun muudamaniiru.
Preezdaantich yeroo jalqabaaf Muummee Ministiraa dubartii muuduu isaaniin murtoo seenaa qabeessa ta’uu ibsameera.
Maddi:-Al jazeera
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.