Fana: At a Speed of Life!

Priimeyar Liigichaan Dirree Dawaa fi Adaamaan goolii malee qixa ba’an

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Taphoota Beetkiingii Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 22ffaan Dirree Dawaa fi Adaamaan goolii malee qixa ba’aniiru.
Taphni Beetkiingii Priimayer Liigii Ityoophiyaa torbee 22ffaan har’a sa’aatii 4:00 irraa eegalee Istaadiyeemii magaalaa Hawaasaatti Dirree Dawaa fi Adaamaa gidduutti gaggeeffame goolii malee qixa xummurameera.
Taphoonni Priimeyar Liigii Ityoophiyaa marsaa 5ffaan har’aa eegalee Istaadiyeemii magaalaa Hawaasaatti taphatamuun xummura argata.
Liigicha Kilabiin magaalaa Faasiil qabxii 49 1ffaa, Bunni Ityoophiyaa qabxii 34 2ffaa, akkasumas Hadiyyaa Hoosaa’iinaan qabxii 32 sadarkaa 3ffaarratti argamu.
Adaamaa fi Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 9 fi 13 walduraa duubiin sadarkaa dhumaarraatti argamu.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.